Biiroon Investimantiifi Industirii Oromiyaa fiYunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa walii walgaltee hojii waliif mallateessan

Walii galteen kunis Qorannoofi Qo’annoo Imaaammata Investimantii irratti waliin hojjechuuf kan xiyyeeffate yoo ta’u, waliigaltichis bakka maanajimantiin Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaafi maanajimantiin Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa argamanitti raawwatee jira.

Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa obbo Ahimad Idiriis akka jedhanitti carraa Naannoon keenya qabu gara horataatti jijjiirudhaan Badhaadhina qabame milkeessuuf qo’annoofi qorannoon imaammata Invastimantii murteessaa ta’uu himanii, waliigaltichis kanuma milkeessuuf kan barbaachise ta’uu himanii jiru.

Dabalataanis walii galtichi Invastimantii fi Industirii Naannichaa bu’a qabeessa gochuuf humna raawwachisummaa hoggansaa cimsuu, imaammaata beeksisuu fi xiinxaala Gabaa Addunyaa geggeessuu, Oomisha Al ergee ol guddisuu, Oomishaalee Alaa galan bakka buusuu, Oomishaa fi Oomishtummaan Industirii dabaluun Industirii Naannicha keessatti ol kaasuu, humna Oomishtummaa Industiriiwwanii gara %87tti ol guddisuu, “Strategic Promtion” gaggeessuun Qabeenya Naannichaa beeksisuu irrattis kan waliin hojjetan ta’uu obbo Ahimad dabalataan ibsanii jiru.

Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaatti Itti aanaa Pirezedaantii Dhimmoota Qorannoo, Gorsaafi Leenjii Dr. Kokkeb Gammadaa Yunivarsiitichi qorannoowwan rakkoowwan hawaas-dinagdee hiikan garagaraa 200 geggeessee jiraachuu himanii jiru.

Ka’umsa mana hojii Mootummaa godhachuudhaan hojii gorsa qorannootiin sektera hunda keesaatti hojjechaa jiraachuu himanii, kanaanis hanga ammaatti gorsi qorannoo irratti hundaa’e 80 geggeeffamee jiraachu himaniiru.

Guddina biyya tokko keessatti gaheen Invastimantii fi industirii guddaa ta’uu himanii, kana milkeessufis qorannoofi qo’annoo imammata Investimantii geggeessuum murteessaa ta’uu himanii jiru

Read More